Faarfannaa61gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame.

1Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi;kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
2Yeroo garaan koo citetti,ani handaara lafaatii sin waammadha;ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.3Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
4Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.5Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii;dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
6Bara jireenya mootii, umurii isaa illeedhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.7Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu;akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
8Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.