Kitaaba Faaru'uu61gax_twf

Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i;daadimata kiyya caqasi.2Addii kutadhee,qaccee lafaa irraa si waammadha;Gara rassaa na caalaaol ka'eeruu san na geessi.3Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,diinota kiyya loliisaaf,ati xelleephoo tiyya jaddu'u.
4Ani bara jiruu tiyyaa maramana keeti keessa le'uu fedha.Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha.5Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta;qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennitenaafille kenniteerta.
6Bara jiruu mootichaa irrattiwoggaa hedduu ede'i;inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti.7Fuula keeti durattihaga bara baraa isa mootonsi;jaalala keeti ka bara baraatii fiaddatamummaa teetiin isa eegi.
8Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan,yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa.