Faarfannaa57gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate.
1Na maari; yaa Waaqa na maari;lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.Anis hamma balaan darbutti,gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.2Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti,gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.3Inni samii irraa ergee na oolcha;warra akka malee na ariʼan ni ifata;Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.4Ani leencota gidduun jira;ani bineensota nama nyaatan,namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaakanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.5Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.6Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.Isaan karaa koo irratti boolla qotan;garuu isaanumattu keessatti kufe.7Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu;garaan koo hin raafamu;ani nan faarfadha; nan weeddisas.8Yaa lubbuu ko, dammaqi!Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!Anis ganamaan nan dammaqa.9Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.10Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii;amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.11Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.