Faarfannaa54gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame.

1Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi;humna keetiinis naa murteessi.2Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi,dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
3Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
4Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti;Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
5Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
6Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha;inni gaariidhaatii.7Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.