Kitaaba Faaru'uu54gax_twf

Harka Diinaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta yennaa worri Ziifii gara Saa'olii dhaqee, «Daawiti nu biratti dhokateera» jedhee isatti hime ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi;hunna teetiin dhugaa naaf muri.2Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i;dubbii afaan kiyyaa caqasi.3Namooti alagaan natti ka'an;worri nama sodaachisu,na ijjeesiisaaf barbaadan;isaan marroo Waaqaa hin yaadanu.4Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya;Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti.5Wonni hantuunworra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti;ati addatamummaa teetiin isaan fixi.6Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa;Ee Mootii Waan Maraa,maqaan keeti dansaa waan te'eef,ani isa hin leellisa.7Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef,injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera.