Faarfannaa5gaz_bib
Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu.
1Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi;aaduu koo illee naa hubadhu.2Yaa mootii koo fi Waaqa ko,iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;ani sin kadhadhaatii.3Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;abdiidhaanis nan eeggadha.4Ati Waaqa hamminatti gammadu miti;hamaanis si wajjin hin jiraatu.5Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;6Ati warra soba dubbatan ni balleessita.Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fiwarra nama gowwoomsan ni xireeffata.7Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;si sodaachuudhaanis gad jedheegara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.8Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitiiqajeelummaa keetiin na dura buʼi;karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.9Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;garaan isaanii badiisaan guutameera.Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;arraba isaaniitiin ni sobu.10Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!Daba isaaniitiinis haa kufan.Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;isaan sitti fincilaniiruutii.11Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniifati eegumsa kee isaan irra diriirsi.12Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.