Daadimata Diina Jalaa Bayiisaaf dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.
1Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi;aadiisa kiyyalle dhage'i.2Mootii kiyya, Waaqa kiyya,ani waan si daadimadhuuf,iyya tiyya naa dhage'i.3Ee Mootii Waan Maraa,ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;ganama mara si daadimadheedeebii si irraa eegadha.4Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti;hammeennille si woliin hin le'u.5Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu;worra hantuu huju mara hin jibbita.6Ati dharaameyyii mara hin balleessita;worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita.7Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiingara mana keetii seena;si sodaatiisalle'eengara Dunkaanii Woyyittii teetii garagaleehin sagada.8Ee Mootii Waan Maraa,diinota bacaa waan qabuuf,balchummaa teetiin na sooressi;karaa keeti naaf qajeelchi.9Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu;gadhaan isaanii badi'iin guutameera.Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti;arraba ifiitiin maltee dubbatan.10Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri;malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti.Isaan si irratti waan ka'aneef,sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif,alatti isaan gati.11Worri gara keeti baqatu marti ammoogammaduu ti;isaan haga bara baraa ilillisanuu ti.Worri maqaa keeti jaalatu marti si'ittigammadee akka firinxiixu isaan eegi.12Ee Mootii Waan Maraa,ati balchoota hin eebbitta;fedhii teeti dansa'aanakka wonte'ee isaan marsi.