Faarfannaa48gaz_bib

Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha;waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
2Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;dheerina isaatiinis ni bareeda.Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;magaalaa Mooticha Guddaatis.3Waaqni daʼannoo ishee keessa jira;inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
4Mootonni humna walitti darataniitokkummaadhaan itti qajeelan.5Isaanis ishee arganii dinqifatan;sodaataniis baqatan.6Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,hollannaan isaan qabate.7Atis bubbee baʼa biiftuutiindooniiwwan Tarshiish caccabsite.
8Akkuma dhageenye sana,magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
9Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti,jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.10Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetiihandaara lafaa gaʼa;harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.11Sababii murtii keetiitiif,Tulluun Xiyoon haa gammaddu;intallan Yihuudaas haa ililchan.
12Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;gamoowwan ishees lakkaaʼaa.13Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;galma ishees ilaalaa.
14Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii;inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.