Faarfannaa47gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.
1Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.2Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii,Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!3Inni saboota nu jala,namootas miilla keenya jala galcheera.4Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,dhaala keenya nuu fileera.5Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagaleemalakataatiin ol baʼe.6Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa;faarfannaa galataa faarfadhaa;faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;faarfannaa galataa faarfadhaa.7Waaqni Mootii lafa hundaa ti;faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.8Waaqni saboota irratti Mootii dha;Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.9Qondaaltonni sabootaa,akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu;mootonni lafa irraa kan Waaqaatii;innis guddisee ol ol jedheera.