Kitaaba Faaru'uu47gax_twf

Waaqi Biyya Lafaa Irratti Mooti'i

Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.

1Gosi biyya adda addaa marti,harka keessan dhowa'a;qoonqoo ol qabadha'aatii,Waaqaaf ilillisa'a.2Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame;inni lafa duudii irratti mootii gudda'a.3Inni kolbaa hedduu nu'uun jala godhe;gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche.4Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete,lafa nuuti dhaallu inni nu'uuf file;5Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti'ii fiqoonqoo tultulla'aatiin ol bayeera.6Waaqa faaru'uun leellisa'a; leellisa'a;Mootii keenna faaru'uun leellisa'a; leellisa'a.7Waaqi mootii lafa duudi'ii waan te'eef,faaru'uun isa leellisa'a.
8Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti'i;Waaqi barcumaa mootumma'aaka ifii woyyicha irra tee'eera.9Qondaaltoti gosa biyya adda addaakolbaa Waaqa Abrahaamii woliinwolitti qabamaneeran;loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te'aneef,inni guddoo saadameera.