Faarfannaa46gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.

1Waaqni daʼoo fi jabina keenya;inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.2Kanaafuu yoo lafti raafamteetulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.3Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼeetulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
4Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisukan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuufgammachuu kennu tokko jira.5Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;ganama barii Waaqni ishee gargaara.6Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
7Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
8Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa;badiisa inni lafa irratti fides argaa.9Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;gaachanas ibiddaan guba.10“Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa;ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;lafa irrattis ol ol nan jedha.”
11Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.