Kitaaba Faaru'uu
46
/
gax_twf
Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
1
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara.
2
Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e,
3
bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
4
Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa,
addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u
gammachiisu tokko jira.
5
Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf,
qachaan sun hin tacho'u;
Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara.
6
Gosi biyya adda addaa hogitte,
mootummootille jidde;
Waaqi qoonqoo ifii dhageessise,
lattille baxxe.
7
Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
8
Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa,
badii inni lafa irratti fide ilaala'a.
9
Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa;
guube'ee fi eboo hin caccassa;
wonteelle ibiddaan hin guba.
10
Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a;
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti,
biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.
11
Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter