Faarfannaa45gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa.

1Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti,yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa;arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
2Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha;hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa;kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.3Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu;ulfinaa fi surraa uffadhu.4Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif,miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi;harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.5Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan;saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.6Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.7Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita;kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti,zayitiidhaan gammachuu si dibeera.8Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan,argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa;masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattismuuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.9Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru;mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamteekaraa harka mirga keetii dhaabatti.
10Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi;saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.11Mootiin miidhagina kee hawwa;waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.12Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti;sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
13Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti;uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.14Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffatteegara mootiitti geeffamti;durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼaniigara keetti fidamu.15Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu;masaraa mootichaas ni seenu.
16Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan;atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.17Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha;kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.