1Nami worra hiyyeeyyi'iif yaadu ka gammade;guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa.2Mootiin Waan Maraa isa hin eega;jiruulle'een isa hin leesisa;inni lafa irratti isa hin gammachiisa;halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu.3Taqee inni dhibamee irra jiru irrattiMootiin Waan Maraa isa hin qarqaara;fayyisee taqee dhibo'oo irraa isa hin kaasa.4Ani akka kiyyatti, «Ee Mootii Waan Maraa,ani waan si yakkeef,na marariitii, dhibee irraa na fayyisi» jedheera.5Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatanee«Inni yoom du'a?Maqaan isaa yoom bada?» jedhan.6Worri na ilaaliisaaf dhufu,dubbii sobaa haasowan;gadhaa ifiititti waan hantuu qabatanee,yennaa gad bayane, isii odeessan.7Worri na jibbu martimarroo tiyya wolitti hasaasan;isaan waan hantuu na irratti yaadaa,8«Dhukkubi hamaan isa qabeera;inni addee irkate sanii deebi'ee hin ka'u» jedhan.9Jaalli kiyya ka natti dhikaatuuyyuu,ka ani itti addadhu,ka sagalee na woliin nyaate, na irratti ka'eera.10Ee Mootii Waan Maraa, ati na marari;diinota kiyya akka ani haluu bayu,dhibee tiyya irraa ol na kaasi.11Diinoti kiyya injifachaa na irratti waan hin dhaggatiniif,akka ati natti gammadde ani tanaan beeka.12Sababa dhugaamessummaa tiyyaatiif,ati na hin qarqaarta;fuula keeti dura haga bara baraa na hin jiraachitta.13Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'eliibara baraa haga bara baraa leellifamuu ti!Ameen! Ameen!