Kitaaba Faaru'uu
4
/
gax_twf
Daadimata Waaqatti Addatiisaan Dhikaatu
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1
Ee Waaqa balchaa kiyya,
yennaa ani si waamu naaf owwaadhu.
Yennaa ani rakkoo keessa jiru
ati ammoo bilisa na baacha.
Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.
2
Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan?
Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan?
Haga yoomii dhara barbaaddan?
3
Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e
akka filate beeka'a;
yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a.
4
Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a;
isin yennaa taqee teessan irra jirtanu,
cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a.
5
Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii,
Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
6
Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u;
ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti.
7
Gammada worri dhibiin
midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,
ati na gammachiitteerta.
8
Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,
si qofa waan te'eef,
ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter