Faarfannaa38gaz_bib

Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf.

1Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatinyookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.2Xiyyooliin kee na waraananiiru;harki kees akka malee natti ulfaateera.3Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera;sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.4Cubbuun koo na liqimseeraatii;akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.
5Sababii gowwummaa kootiitiif,madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.6Ani gad nan qabame; gadis nan cabe;guyyaa guutuus gaddaan oola.7Dugdi koo na bobaʼa;dhagni koos fayyaa hin qabu.8Ani laafeera; akka malees bututeera;garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.
9Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;argansuun koo si duraa hin dhokatu.10Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera;ifni ija kootiis badeera.11Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan;firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.12Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru;warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu;guyyaa guutuus hammina natti yaadu.
13Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee,akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.14Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee,akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.15Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.16Ani, “Akka diinonni koo natti gammadanyookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajanhin eeyyamin” jedheeraatii.
17Ani kufuu gaʼeeraatii;dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.18Ani balleessaa koo nan himadha;sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.19Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha;warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.20Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti;ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.
21Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin;yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.22Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,na gargaaruudhaaf ariifadhu!