Kitaaba Faaru'uu38gax_twf

Daadimata Yennaa Rakkinnaa

Faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;mufi'iin na hin adabin.2Daayi keeti na woraaneera;harki keeti gad na qabe.3Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera;sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu.4Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti;isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti.
5Sababa gowwummaa tiyyaatiif,madaan tiyya shantee ajootti.6Ani gad jedhee, guddoo gugguufe;guyyaa guutuu bowaa daaqe.7Hidhi kiyya waan na o'eef,nafi kiyya fayyaa hin qabu.8Ani dadhabee, ijjumaa bututeera;gadhaan waan na raafameef aada.
9Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta;aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.10Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti;ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti.11Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyyasababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane;firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane.12Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan;worri na miidhiisaaf barbaaduna balleessiisaaf mari'atan;isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan.
13Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u;akka nama afaan duudee, hin dubbadhu.14Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee,akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti.
15Ee Mootii Waan Maraa,ani ammoo addi'iin si eegadha;Ee Goottaa Waaqa kiyya,atille deebii naaf hin kennita.16Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru,akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe.17Ani jiguu geyeera;yennaa mara ani dhibee woliin jira.
18Yakkaa tiyya hin faaci'adha;cubbuu tiyyaaf gadda.19Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a;worri sababa malee na jibbu heddu'u.20Yennaa ani waan dansaa hujuwaan hantuu naaf deebisan;yennaa ani waan dansaa hordofuisaan na morman.
21Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin;Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin.22Ee Goottaa fayyisaa kiyya,na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.