Kitaaba Faaru'uu37gax_twf

Hiree worra Balcha'aatii Fi worra hama'aa

Faaruu Daawitii.

1Sababa worra hama'aatiif hin aarin;worra cubbuu huju hin hinaafin.2Isaan akka marraa ariifatanee hin gogan;akka baala bisile'ee hin qooran.3Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;biyya keessa nageyaan le'i.4Mootii Waan Maraatitti gammadi;inni halchaa gadhaa keetii si'iif hin kenna.5Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu;isa addadhu; innille si'iif hin milkeessa.6Inni balchummaa teeti akka ifaa,haqa haajaa keetii akka aduu saafowaa hin godha.
7Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,ossaan isa eeggadhu;worra hamaaleyyiiyaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
8Aarii irraa ifi dhooggi; mufii irraa deebi'i.Aariin gara hammeennaa qofa si geessitii, hin aarin.9Worri hamaaleyyiin hin badan;Worri Mootii Waan Maraa eegatu ammoolafa hin dhaalan.
10Nami hamaan yennaa diqqo'oon duuba,achitti hin dhaggamu.Ati isa hin barbaadda, ammoo hin dhaggitu.11Worri gad ifi qabu lafa hin dhaalan;nageya gudda'aan hin gammadan.12Nami hamaan nama balchaa irratti mala dhowa;ilkaan itti ciniinnatta.13Guyyaan nami hamaan sun baduakka dhufaaru waan beekuuf,Goottaan ammoo itti kolla.
14Worri hamaaleyyiin,worra hiyyeeyyi'ii fi worra deega ijjeesiisaaf,worra qajeelaa qaliisaaf,shallaagaa ifii buqqifatan;guubeelle qopheeffatan.15Shallaagaan isaanii ammoogadhuma isaanii hin woraana;guubeen isaaniille hin caccaddi.
16Karra nama hama'aa hedduu caalaa,karra nama balcha'aa diqqoo woyya.17Hunni worra hamaaleyyi'ii hin caddi;worra balchoolee ammooMootiin Waan Maraa hin utuba.18Mootiin Waan Maraaworra komii hin qanne guyyuma guyya'aan eega;kennansi inni isaanii kennehaga bara baraa hin badu.19Isaan yennaa hantuu keessalle hin salphatanu;bara beelaalle hin quufan.20Worri hamaaleyyiin ammoo hin badan;diinoti Mootii Waan Maraalleakka marra diidaa hin dhumatan;isaan akka aaraa hin badan.21Nami hamaan liqaa hin deebisu;nami balchaan ammoo arjumma'aan kenna.22Worri Mootiin Waan Maraa eebbise lafa dhaalan;Worri Mootiin Waan Maraa abaare ammoo hin badan.23Mootiin Waan Maraakaraa namaatitti yennaa gammade,karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.24Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf,yoo gufatelle hin jigu.25Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuunijjumaa dhaggee hin beeku.26Nami balchaan yennaa mara arjumma'aan kenna;hin liqeessalle'e;sanyiin isaalle worra dhibi'iif eebba hin teeti.
27Waan hantuu irraa deebi'ii, waan dansaa godhi;bara dheeraa hin leeta.28Mootiin Waan Maraamuraa dhuga'aa waan jaalatuuf,inni worra isaaf addatamu hin lakkisu.Inni haga bara baraa nageyaan isaan eega;sanyiin worra hamaaleyyi'ii ammoo hin baddi.29Worri balchooleen lafa hin dhaalan;lafa san keessalle bara dheeraa hin le'an.
30Afaan nama balcha'aa qarummaa odeessa;arrabi isaa haqa dubbata.31Seerri Waaqaa qalbii isaa keessa jira;miilli isaalle hin fallaadu.
32Nami hamaan nama balchaa riphee gaada;ijjeesiisaaf isa barbaada.33Mootiin Waan Maraa ammooharka diinaatitti isa hin kennu;muraa dura yennaa dhikaate,yakkaan akka itti murantu hin godhu.34Mootii Waan Maraa addi'iin eegadhu;karaa isaalle eegadhu;inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si'iif hin kenna;badii worra hamaaleyyi'iille hin dhaggita.35Ani nama hamaa hunnaan nama irratti ka'uka akka muka lafa itti toltu irra jiruu tokkodagaageeruun dhagge.36Eega san yennaa achiin dabaru, adde'ee dhabe;ani isa barbaade,ammoo isa dhagguu hin dandeenne.
37Nama komii hin qanne ilaali;nama balchichaa hubadhu;nama nageellicha muummeen isaa hin baddu.38Cubbaaleyyiin ammoo ijjumaa hin badan;muummeen isaaniille hin baddi.
39Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa;yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.40Isaan Mootii Waan Maraatitti waan baqatanuuf,inni isaan qarqaaree, isaan baasa;inni harka worra hamaaleyyi'ii irraaisaan baasee, isaan hambura.