Kitaaba Faaru'uu36gax_twf

Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa

Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif.

1Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessattihammeenna akka yaadatu gooti;Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.2Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine,ifumaan ifi sossoba.3Dubbiin afaan isaa hammeennaa fidharaan guutanteerti;inni qarumma'aan hujiisaa fiwaan dansaa godhiisa lakkiseera.4Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata;karaa hamaa ideema;waan hantuu hin didatu.
5Ee Mootii Waan Maraa,jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa,addatamummaan teetillehaga duumensaa hin dhaqqaddi.6Ee Mootii Waan Maraa,balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti;muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti;ati namaa fi horii,bineensalle hin eedda.7Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraaattam attam ka gatii guddoo qabu!Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.8Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;ati laga keeti gammachiisaa irraabisaan isaaniif kennita.9Ati madda jiru'uu ti;nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.
10Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,worra gadhaa-qajeela'aatiifbalchummaan keeti irraa hin citin.11Miilli worra kooruu na hin dhiitin,harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.12Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali;isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.