Kitaaba Faaru'uu35gax_twf

Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa,worra natti ka'u irratti ka'i;worra na lolu loli.2Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuuna qarqaariisaaf koy.3Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii,lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi.
4Worri na ijjeesiisaaf barbaadufokkifatee qaanowuu ti.Worri mala natti dhowugara duubaa deebi'ee salphatuu ti.5Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun,akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti.6Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uunkaraan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti.
7Isaan sababa tokko maleetiyyoo dhossa'aan naaf afanee,na qabiisaaf boolla qotaneeran.8Adoo hin beekinbadiin isaan irratti dhuttuu ti.Tiyyoon isaan dhossaneisaanuma qadduu ti;Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti.9Lubbuun tiyyaMootii Waan Maraatiin hin gammaddi;fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi.10Gadhaa kiyya tokkochaan,«Ee Mootii Waan Maraa,dadhabooleeworra guddoo jajjabaa harkaa,dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiillesaantota harkaa ka baasuka akka keetii eennu?» jedha.11Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane;marroo waan ani hin beennee na gaafatane.12Qofi-galeessa na godhaneewaan dansaa ani godheef,hantuu naaf deebisane.13Ani ammoo yennaa isaan dhibamane,woyaa gaddaa uffadhe;laamiisaan ifi rakkise;daadimati kiyyalle deebii dhabee,14akka waan jaalaafyookiin obboleessaaf gadduutitti gadde;akka nama haadha ifiitiif bowuu,mataa gad qabadhee bowe.
15Yennaa ani gufadhe ammoo,isaan gammadane;dedhuma dhufaneesababa malee arrabaan na kukkutane.16Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu,natti murgane;ilkaan natti ciniinnatane.
17Ee Gootta'a,haga yoomii cadhittee na ilaalta?Worra na miidhu,ka akka neenqaa kana jalaa na baasi.18Achiin duuba ani kolbaa teeti keessattisi hin galateeffadha;kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha.19Worri akkasumaan diina natti te'u,natti hin gammadin;worri akkasumaan na jibbuna irratti ilaan wolitti hin qiphifatin.
20Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu;worra biyya keessa nageyaan le'u irrattidubbii dharaa yaadanee qopheessan.21Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa,afaan natti banan.22Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta,hin cadhisin!Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin!23Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi!Na irraa dhooggiisaaf ka'i!Haajaa kiyyaaf loli.24Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya,balchummaa teetiin naaf muri;diinoti kiyya natti hin gammadin.25Isaan, «Halchaa gadhaa keennaabaga dhagganne!Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin.
26Worri rakkinna kiyyatti gammadu martifokkifatanee qaanowanuu ti;worri na irratti ifi saadu martifokko'oo fi salphinna uffatuu ti.
27Worri muraa haqaadhaggatiisa kiyyatti gammadu martigammadaan ilillisanuu ti;isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a!Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatuhin gammada!» jedhanuu ti.28Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa,guyyaa guutuu si hin leellisa.