Faarfannaa34gaz_bib
Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate.
1Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.2Lubbuun koo Waaqayyoon boonti;cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.3Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa;kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.4Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;sodaa koo hunda keessaas na baase.5Warri gara isaa ilaalan ni ifu;fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.6Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe;rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.7Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaataniini qubata; isaan ni oolchas.8Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.9Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa;warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.10Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;namni Waaqayyoon barbaaddatu garuuwaan gaarii tokko illee hin dhabu.11Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.12Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafisbara baayʼee hawwu eenyu?13Arraba kee waan hamaa irraa,afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.14Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;nagaa barbaadi; duukaa buʼis.15Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira;gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;16yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.17Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.18Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;warra abdii kutatanis ni fayyisa.19Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;20lafee isaa hunda ni eega;isaan keessaas tokko illee hin cabu.21Hamoota hamminatu ajjeesa;warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.22Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.