Kitaaba Faaru'uu33gax_twf

Faaruu Leellisaa

1Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a.Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa.2Maasinqo'oon Mootii Waan Maraa leellisa'a!Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa'a.3Faaruu haareya isaaf faarsa'a;kiraara guddicha akka dansaa dhowa'a;gammadaan, «Ilili!» jedha'a.
4Jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama'a.5Mootiin Waan Maraa balchumma'aa fi haqa jaalata;Latti jaalala isaa ka bara baraatiin guutanteerti.
6Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin,aduun, ji'aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.7Inni bisaan abbaaya'aa addee tokkotti wolitti qaba;abbaayaa gugurdoo qilee te'aneaddee itti kuufamanutti kuusa.
8Biyyi lafaa marti Mootii Waan Maraa sodaattuu ti;kolbaan biyya lafaa marti isaaf sheephittuu ti.9Inni dubbate, wonni inni dubbatelle dadante;inni ajaje, wonni inni ajajelle teete.
10Mootiin Waan Maraakaroora gosa biyya adda addaa hin diiga;inni yaadi kolbaa heddu'uuhujii irra akka hin oolle godha.11Karoorri Mootii Waan Maraa ammoobara baraan jabaatee dhaabbata;yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara.12Gosi Waaqi Mootii Waan Maraa te'eef,kolbaan inni ifiif filate gammadduu ti.
13Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gad ilaala;inni nama duudii dhagga.14Barcumaa mootummaa ifii irraainni worra lafa irra jiru mara dhagga.15Inni ka qalbii isaanii mara dade,waan isaan hujanu mara hin beeka.
16Mootiin loltoota ifii guddo'oon hin bayu;jannille jabeenna ifii gudda'aan hin miliqu.17Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu'aa hin qanne;jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande'u.18Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.19Inni du'a irraa isaan hambura;bara beelaalle jiru'uun isaan eega.
20Lubbuun teenna addi'iin Mootii Waan Maraa eegatti;inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle'e.21Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf,gadhaan keenna isatti gammada.
22Ee Mootii Waan Maraa,akkuma nuuti addii si godhane,jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te'uu ti.