Faarfannaa30gaz_bib
Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuuteeakka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,ani sin jajadha.2Yaa Waaqayyo Waaqa ko,ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.3Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.4Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;booʼichi galgala tokko qofaaf tura;ganama garuu ililleetu taʼa.6Anis yommuun nagaa argadhetti,“Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.7Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiinakka tulluu jabaatti na dhaabde;yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuunaasuutu na qabate.8Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha;ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:9“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaasfaayidaa maaliitu argama?Biyyoon si galateeffataa?Amanamummaa kees ni odeessaa?10Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris;Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”11Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;12kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fiakka isheen hin calʼisneefii dha.Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.