Kitaaba Faaru'uu30gax_twf

Daadimata Galataa

Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante.

1Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee,diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef,ani guddisee si galateeffadha.2Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee,atille na fayyitteerta.3Ee Mootii Waan Maraa,ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta;akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.4Isin worri isaaf addatantane,Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a;maqaa isaa woyyichalle,galateessa'a.5Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara.Halkan bowaa yoo bulane,ganama ammoo ililleessi hin te'a.
6Yennaa natti tole, ani ifiin,«Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe.7Ee Mootii Waan Maraa,arnya keetiin,akka gaara jabaa tokkoo na goote;yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammooguddoo sodaadhe.8Ee Mootii Waan Maraa,ani si waammadhee,akka na marartuuf si gaafadhee,9«Du'a tiyya irraa maan dhaggatta?Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan?Worri du'eeru si hin leellisaa?Isaan addatamummaa teeti hin himanii?10Mootii Waan Maraa,naa dhage'i; naa marari;Mootii Waan Maraa,na qarqaar» jedhe.11Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte;woyaa gaddaa na irraa fuutee,gammada natti uffitte.12Yoona, ani hin cadhisu;faaru'uun si leellisa.Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,ani haga bara baraa si galateessa.