Kitaaba Faaru'uu3gax_twf

Daadimata Ganamaa

Faaruu Daawiti yennaa ilma ifii Abiishaalom duraa baqate faarse.

1Ee Mootii Waan Maraa,diinoti kiyya attam attam bacatan!Kolbaan hedduun na irratti kaateerti.2Worri hedduun,«Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan.3Ee Mootii Waan Maraa,ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya;ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si'i.4Ani qoonqoo ol qabadheegara Mootii Waan Maraa hin iyya;innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage'a.
5Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraawaan na eeguuf,deebi'ee hin dammaqa.6Ani loltoota kuma hedduuka na marsaneeranuhin sodaadhu.7Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!Waaqa kiyya, koyii na baasi!Boqoo diinota kiyyaa dhowi;ilkaan isaaniille caccassi.8Qarqaarsi Mootii Waan Maraa biraa dhufa.Ee Mootii Waan Maraa, eebbi keetikolbaa teeti irra jiraatuu ti.