Kitaaba Faaru'uu29gax_twf

Hunna Mootii Waan Maraa

Faaruu Daawitii.

1Isin ergantooti Waaqaa,ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a.2Ulfinna maqaa isaatiif,Mootii Waan Maraa leellisa'a;Arnya woyyummaa isaatiif,Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.
3Qoonqoon Mootii Waan Maraaabbaayaa guddittii irraa dhage'anti;Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraaabbaayaa irraa mandi'a.4Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i;qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i.5Qoonqoon Mootii Waan Maraahindheensa caccassiti;Mootiin Waan Maraahindheensa Libaanoniituu hin caccassa.6Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii,gaara Siiriyoniilleakka ilmee gafarsaa hin burraassisa.7Qoonqoon Mootii Waan Maraabalaqqeettii balaqqitti.8Qoonqoon Mootii Waan Maraagoomolee tachootti;Mootiin Waan Maraagoomolee Qaadeshii hin tachoosa.9Qoonqoon Mootii Waan Maraaqilxaan akka hargufamu gooti;baala muka badda'aa hin harcaatti;worri addee inni jiruu martinuu,«Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan.10Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha;Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha.11Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna;nageyalle'een isaan eebbisa.