Faarfannaa28gaz_bib
Faarfannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha;ati na jalaa hin didin.Yoo ati na jalaa didde,ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.2Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illeegara Iddoo Qulqullummaa keekan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼesanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.3Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin,warra garaa isaaniitti hammina qabataniiolloota isaanii wajjin garuunagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.4Akka hojii isaaniitti,akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif;akkuma hojii harka isaaniitti kenniif;gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.5Sababii isaan hojii Waaqayyoo,yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneefinni isaan diiga;deebisees isaan hin ijaaru.6Waaqayyo haa eebbifamu!Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.7Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti;garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.Garaan koo baayʼee gammada;anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.8Waaqayyo jabina saba isaa ti;dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.9Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi;tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.