Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.
1Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha;rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin!Ati yoo na jalaa cadhitte,ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu'ee hin te'a.2Qarqaarsa dhaggatiisaaf,harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee,yennaa ani gara keeti iyyu,daadimata kiyya naaf dhage'i.3Worra hamaaleyyii,ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin!Isaan ollaa ifii woliinafaaniin dubbii nageyaa dubbatan;gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan.4Ati akka hujii isaaniititti,akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni;Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni;adabbii isaaniif malte isaaniif kenni.5Isaan hujii Mootii Waan Maraayookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef,inni isaan hin diiga malee,deebi'ee isaan hin ijaaru.6Iyya tiyya waan dhage'eef,Mootiin Waan Maraa leellifamu.7Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;wontee tiyyalle'e;ani isatti addadha.Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,ani faaru'uun isa hin galateessa.8Mootiin Waan Maraakolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti;ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti.9Ee Mootii Waan Maraa,kolbaa teeti baasi;worra keeti te'ane eebbisi;tissee isaanii te'iitii,haga bara baraa isaan ba'adhu.