Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
1Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;ani eennu sodaadha ree?Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;eentu na sodaachisa ree?2Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaafyennaa natti dhufanu,diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyyayennaa na lolanu,isaanuu gufatanee hin jigan.3Loltooti duudiin na marsanulle,ani hin sodaadhu;lolli yoo natti ka'elle,ani Mootuma Waan Maraa addadha.4Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;isiille dhaggatuu barbaada:bara jiruu tiyyaa maramana Mootii Waan Maraa keessa akka le'u,dansummaa isaa akka dhaggu,Dunkaanii Woyyittii isaa keessattiakka isa barbaadadhu.5Inni guyyaa rakkinnaamana ifii keessatti na hin eega;Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;rassaa irratti ol na hin baasa.6Achiin duuba diinota na marsaneeranu irrattimataan kiyya ol hin jedha;gammadaa ilillisaa addee dunkaanii isaatitti,ciincaa isaaf hin dhikeessa;faarfataa, Mootii Waan Maraa hin leellisa.7Ee Mootii Waan Maraa,ani yennaa si waamu,naa dhage'i;naa marariitii,daadimata kiyya naa dhage'i.8Gadhaan kiyya,«Fuula isaa barbaadi» naan jedhe;ee Mootii Waan Maraa,ani fuula keeti barbaada.9Fuula keeti na hin dhossin.Ati aari'iin ana tajaajilaa keetiifi irraa hin fageessin;ati qarqaarsa naaf teeteerta.Ee Waaqa fayyisaa kiyya,na hin gatin; na hin lakkisin!10Abbaan kiyyaa fi haati tiyyayoo na lakkisanelleMootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata.11Ee Mootii Waan Maraa,karaa keeti na barsiisi;ani diinota hedduu waan qabuuf,daandii qajeelaa irra na sooressi.12Dhugaa baatoti dharaahunnaan waan na irratti ka'aneef,fedhii diinota kiyyaatiifdabarsitee na hin kennin.13Lafa worra jiraata'aa keessattidansummaa Mootii Waan Maraaakka dhaggu hin addadha.14Mootii Waan Maraa eegadhu;jabaadhu; addii hin kutatin;Mootii Waan Maraa eegadhu.