Kitaaba Faaru'uu
26
/
gax_twf
Daadimata Nama Komii hin qannee
Faaruu Daawitii.
1
Ani komii tokko malee,
sitti addadhee raafama malee waan le'eef,
Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.
2
Ee Mootii Waan Maraa,
na qorqori, hagalle na ilaali;
gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.
3
Jaalalli keeti ka bara baraa
ila tiyya dura jira;
anille dhugaa teetiin hin ideema.
4
Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u;
worra kijiboolee jaala hin godhadhu.
5
Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba;
hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.
6
Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,
harka dhiqadha;
Ee Mootii Waan Maraa,
addee ciinca'aa teeti cinaa mara.
7
Faaruu galataa guddisee faarfataa,
hujii maade'ee teeti hin odeessa.
8
Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu,
addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.
9
Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin,
jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin
hin balleessin.
10
Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira;
harka isaanii middicha keessa safu'utti
info
guuteera.
11
Ani ammoo komii malee le'a;
na wodi; na mararfadhu.
12
Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera;
gumii guddoo keessatti
ani Mootii Waan Maraa leellisa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter