Kitaaba Faaru'uu25gax_twf

Waaqaan sooreffamiisaa Fi Eegamiisaafiille Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa,lubbuun tiyya ol gara keeti yaaddi;2Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha.Akka fokkifadhu na hin godhin;diinoti kiyya natti hin gammadin.3Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu;worri si'iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.
4Ee Mootii Waan Maraa,karaa keeti akka beeku na godhi;daandii teeti na barsiisi.5Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;ani yennaa mara addii si godhadha.
6Ee Mootii Waan Maraa,marartii teetii guddo'oo fijaalala keeti ka bara baraa,ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.7Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef,akka jaalala keeti ka bara baraatittinaa yaadadhu malee,cubbuu dargaggummaa tiyyaayookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.
8Mootiin Waan Maraa dansa'aa fibalchaa waan te'eef,inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.9Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,karaa ifiille isaan hin barsiisa.10Worra gondooroo isaatii fi ajaja isaa eegatanuuf,Mootiin Waan Maraajaalala ifii ka bara baraatii fiaddatamummaa hin mudhisa.11Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef,ee Mootii Waan Maraa,maqaa keetiif jedhii naaf araarami.12Nami Mootii Waan Maraa sodaatu eennu?Mootiin Waan Maraakaraa inni filatu'uu male isa hin barsiisa.13Inni jiruu dansaa hin jiraata;sanyiin isaalle lafa hin dhaalti.14Mootiin Waan Maraaworra isa sodaatu dhossaa ifii itti hima;inni gondooroo ifiiakka isaanitti beekkantu hin godha.
15Mootiin Waan Maraamiila kiyya tiyyoo keessaa waan baasuuf,ilti tiyya yennaa mara gara isaa ilaalti.16Ani qofuu waan jiruuf,cunqurfamaalle waan te'eef,fuula keeti gara kiyya deebifadhuu,naaf mararfadhu.17Rakkinni kiyya bindilla'a;farra tiyya jalaa na baasi.18Rakkinnaa fi farra tiyya ilaali;cubbuu tiyya mara naa araarami.
19Diinoti kiyya attam attam akka bacatanu ilaali;attam akka isaan na jibbanulle ilaali.20Na eegi; na baasi;Ani waan sitti baqadheef,akka ani fokkifadhu na hin godhin.21Ani addi'iin waan si eegadhuuf,addatamumma'aa fi qajeelummaan na eeganuu ti;22Ee Waaqa, rakkinna isi'ii mara keessaakolbaa Israa'elii wodi.