Faarfannaa23gaz_bib

Faarfannaa Daawit.

1Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.2Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;3inni lubbuu natti deebisa.Maqaa isaatiif jedheeskaraa qajeelaa irra na deemsisa.4Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illeeati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
5Ati utuma diinonni koo ilaalanuufuula koo duratti maaddii naa qopheessita.Mataa koo zayitii dibda;xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.6Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.