Kitaaba Faaru'uu23gax_twf

Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa'a

Faaruu Daawitii.

1Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;ani womaa hin dhabu.2Inni marra bisilee keessattiakka ani foorfadhu godha;gara bisaan dansa'aa na geessa.3Inni jabeenna haareya naa kenna;maqaa ifiitiif jedheedaandii balchaa irra na sooressa.4Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle,ati waan na woliin jirtuuf,Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.5Adoo diinoti kiyya dhagganuu,ati nyaata naaf qopheessita.Mataa kiyya zayitii ejersaa muudda;muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati.6Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,dansummaan teetii fimarartiin teeti na gula deeman;bara le'ii tiyyaa maramana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a.