Kitaaba Faaru'uu22gax_twf

Iyya Gaddaatii Fi Faaruu Leellisaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta yoyyoma, «Gadansa dayya'a boru'uu» jedhantuun faarfatante.

1Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?Ati maaf na qarqaariisa irraa,jecha aadiisa kiyyaa irraa fagaatte?2Waaqa kiyya, ani guyyaa gara keeti iyya,ati ammoo naaf hin deebittu;halkanille hin iyya,ammoo foora hin dhaggadhu.3Te'uu malee ati Waaqa woyyicha.Leellisi worra Israa'eliibarcumaa mootumma'aa keeti marsa.4Abbootiin teenna ta durii sitti addatte;isaan si addatanee,atille isaan baache.5Isaan gara keeti iyyanee bayane;sitti addataneelle hin fokkifanne.6Ani ammoo corroqa malee namaa moti;namooti natti murgan; kolbaalle na tuffatti.7Ka na dhaggu marti natti murga;isaan arraba baasanee mataa natti raasaa,8«Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa,inni isa hamburuu ti me!Inni waan isa jaalatuuf,isa baasuu ti me!» naan jedhan.9Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee,harma haadha tiyyaa irralle'etti na eedde.10Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabeeka na eege si'i;gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddeeati Waaqa kiyya teeteerta.11Rakkinni na dhaqqabiisaaf waan dhikaateef,ka na qarqaarulle waan hin jirreef,na irraa hin fagaatin.12Diinoti hedduun akka korommi'ii na marsaneeran;worri jajjaboon akka korommii Baashaaniina naannessaneeran.13Akka neenqa waan adanse kukkutataa dhangaa dhowuu,isaan afaan ifii natti banan.14Hunni tiyya akka bisaanii jiddeerti;mitikaan lafee tiyyaa marti gargar bayeera.Gadhaan kiyya akka gaga'aana baqeera.15Afaan kiyya akka basso'oo gogee,arrabi kiyyalle laagada'atti na qabate;ati akka nama du'ee bukuu keessa na irkitte.
16Worri akka sare'ee na marse;goliin worra hantuu hujuu na naannessanee,harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane.17Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte;diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane.18Woyaa tiyya qoqoodamanee,ruufa kiyyatti hixaa buufatane.19Ee Mootii Waan Maraa kiyya,ati ammoo na irraa hin fagaatin!Ee qarqaaraa kiyya,na qarqaariisaaf ariifadhuu koy!20Lubbuu tiyya shallaagaa jalaa,jiruu tiyya hunna saroolee tanaa jalaa baasi.21Afaan neenqaa jalaa na hamburi;gaafa gafarsaa jalaa na baasi.
22Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;wolde'a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.23Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,isa leellisa'a!Isin sanyiin Yaaqoobii marti,isa ulfeessa'a!Isin kolbaan Israa'elii marti,isa saadadha'a!24Inni nama rakkate hin tuffanne;inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne;ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e.25Waan ati hujjeef,gumii guddoo keessatti ani si leellisa;worra si sodaatu duratti waan waadaa galeani si'iif hin kenna.26Worri hiyyeeyyiin nyaatanee hin quufan;worri Mootii Waan Maraa barbaadu,isa hin leellisan.Baruma baraan gadhaan keessan gammadaan le'uu ti!
27Kolbaan lafa irraa marti qaabatteegara Mootii Waan Maraa hin deebiti;maatiin gosa biyya adda addaa martiisaaf hin sagaddi.28Baalliin ta Mootii Waan Maraa waan te'eef,inni gosa biyya adda addaa hin bulcha.
29Worri dureeyyiin marti isaaf hin sagadan;nami foon uffate marti isa duratti hin jilbiiffatan.30Dhalooti hegerii isa hin tajaajilan;dhaloota dhufuttimarroon waan Mootii Waan Maraaitti hin himama.31Isaan dhufanee hujii balchummaa isaa lassaa,balchummaa inni hujeworra amma hin dhalatiniif hin himan.