Faarfannaa20gaz_bib
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
1Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu;maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.2Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.3Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.4Hawwii garaa keetii siif haa kennu;karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.5Yommuu ati moʼattutti ililchineemaqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna.Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.6Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka;Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaansamii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.7Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.8Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;jabaannees ni dhaabanna.9Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!