Kitaaba Faaru'uu20gax_twf

Daadimata Injifannoo Dhaggatiisaaf Dhikaate

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Guyyaa rakkinna keetiiMootiin Waan Maraa si'iif dhage'u!Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!2Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaaqarqaarsa si'iif ergu;gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.3Inni kennansa keeti mara fudhateeciincaa keeti maratti gammaduu ti.4Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu;yaada keeti mara sii guutu.5Yennaa ati injifattenuuti gammadaan hin ilillinna;Waaqa keenna leellisiisaanbaandiraa keenna ol kaafanna;Mootiin Waan Maraawaan ati gaafate mara si'iif guutu.6Mootiin Waan Maraaka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka;inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaadeebii isaaf hin kenna;harka ifii middichaaninjifachaa guddoo isaaf hin kenna.7Worri gariingarreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti,worri gariin fardoo ifiititti addata;nuuti ammoomaqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.8Isaan gufatanee hin jigan;nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna.9Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi!Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i!