Faarfannaa2gaz_bib

1Namoonni maaliif akkanumaan malatu?Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?2Mootonni lafaa kaʼanii,bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuufwalitti qabaman;3isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa;hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
4Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa;Gooftaanis isaanitti qoosa.5Innis aarii isaatiin isaan ifata;dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;6innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra,mootii koo teessifadheera” jedha.
7Ani seera Waaqayyoo nan labsa:
innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti;ani harʼa si dhalcheera.
8Na kadhadhu;ani saboota dhaala kee,handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.9Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita;akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”
10Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa;bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.11Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa;hollachaas gammadaa.12Akka inni hin aarreef,isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa;dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii.Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.