Kitaaba Faaru'uu2gax_twf

Mootii Waaqi Filate

1Gosi biyya adda addaa maaf finqilti?Kolbaan maaf mala bu'aa hin qanne dhootti?2Mootii Waan Maraatii fi ka inni muude mormiisaaf,moototi lafaa hin kakka'an;bulchitootille isaan woliin mala isaanitti dhootti.3Isaan, «Kowa'a, wodaroo sibiilaa ta isaaniiifi irraa kunnuu ti!Wodaroo isaaniille ifi irraa gannuu ti» jedhan.4Ka ol-gubbaa jiru hin kolla; Mootiin Waan Maraaisaanitti hin murga.5Achiin duuba Mootiin Waan Maraaaari'iin isaan hin xixa.Mufii ifiitiin isaan hin bararassa.6Inni, «Ani gaara kiyya woyyicha Xiyoon irrattimootii kiyya muudeera» jedha.7Mootichi, «Ani lassii Mootii Waan Maraa hin lassa;inni anaan, ‹Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe.8Na gaafadhu; gosa biyya adda addaa mara sii kenna;kolbaan biyya lafaa marti qabeenna keeti hin teeti.9Ati ulee bokku'uu ta sibiilaatiin isaan hin bulchita.Akka okkote'ee isaan hin butuchita› jedhe» jedha.
10Tanaaf, isin mootoleen qalbeeffadha'a;isin bulchitooti biyya lafaa ifi eeggadha'a.11Sodaa guddo'oon Mootii Waan Maraa tajaajila'a.Rommiisaan isaaf ajajama'a.12Mufiin isaa ariiti'iin waan dhuttuuf,isinitti mufatee akka isin hin balleessine,qulqullumma'aan waaqonfadha'a.Worri gara isaa baqatuka gammade.