Dadi Ulfinna Waaqaa Mudhitti
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti;gubbaan hujii harka isaa lalladdi.2Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa;halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.3Dubbiin yookiin jechi hin jiru;qoonqoon isaanii hin dhage'antu;4Te'uu malee ergaan isaaniibiyya lafaa duudi'itti baatee,haga qaccee biyya lafaa geetti.Inni adu'uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe.5Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati;akkuma nami rukkee wol doggommi'ii rukkisugammadaan rukkisu,aduun rukkee wol doggommi'ii rukkisiisaaf gammaddi.6Aduun dhuma qaccee gubba'aa taan irraa ol baatee,gara qaccee taanii qaxxaamurti;wonni o'a isi'ii duraa dhokatu hin jiru.Seera Mootii Waan Maraa
7Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu;lubbuu haaressa.Ajaji Mootii Waan Maraa addatama'a;nama gowwaa qaroo godha.8Seerri Mootii Waan Maraa sirri'i;gadhaa nama gammachiisa.Ajaji isaa ifa;Ila namaa bana.9Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha;yaadi kun haga bara baraa jiraata.Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a;isiin yennaa mara haqa.10Worqii gatii guddo'oo caalaa,worqii baqisiisanee qulleessane caala'aayyuu gatii qaddi.Damma caalaa,nadhii dammaa caalaa mi'ootti.11Ani tajaajilaan keeti isi'iin gorfama;isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha.12Ka dokonkora ifii dhaggu eennu?Cubbuu tiyya ta dhokatte irraana qulqulleessi.13Cubbuu beekaa hujanu irraana garbicha keeti eegi;akka isiin na mootu hin eeyyamin.Yoos ani ka komii hin qannee fika yakkaa guddoo hin qanne hin te'a.14Ee Mootii Waan Maraa,rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya!Jechi afaan kiyyaatii fiyaadi gadhaa kiyyaasi duratti fudhatama qabaatanuu ti.