Kitaaba Faaru'uu17gax_twf

Daadimata Nama Yakkaa Malee Ari'amee

Daadimata Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa,gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i;iyya tiyya caqasi.Gurra keeti gara daadimata kiyyaka soba hin te'inii deebifadhu.2Ilti teeti waan sirrii te'e waan dhaggituuf,muraan tiyya si biraa naa dhuttuu ti.3Gadhaa kiyya yoo qorqorte,halkaniin gara kiyya dhuttee,yoo haga na ilaalte,hammeenna na keessatti hin dhaggitu;afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu.4Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee,waan namooti hujanu irraa,karaa isaan hunnaan nama irratti ka'anu irralle'ee,ifi eeggadheera.5Ideensi kiyya daandii teeti eegateera;miilli kiyyalle hin fallaanne.6Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf,ani si waammadha;gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,jecha kiyya dhage'i.7Worra sitti baqatu,harka keeti middichaandiinota isaanii jalaa isaan ka baachu,jaalala keeti ka bara baraa sanbaasa godhii isaanitti mudhisi.8Akka ila teetii na eegi;bobaa teetii jalatti na dhossi.9Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka'ane,diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi.10Isaan gadhaa jabaataneeran;afaan ifiitiin koora dubbatan.11Isaan ari'anee na marsaneeran;lafatti gad na dhowiisaaf, ilaan na qabataneeran.12Isaan akka neenqa waan adanse kukkutatiisa fedhee,akka neenqa dardaraa ka riphee wo gaaduu ti.13Ee Mootii Waan Maraaka'iitii, lolii isaan gad dhowi!Shallaagaa keetiin hamaaleyyii jalaa na baasi.14Mootii Waan Maraa, harka keetiinworra jiruu biyya lafaa tana keessattiwaan barbaadanu mara qabanujalaa na baasi.Ati rakkinna isaaniif kuucheen isaan adabi;rakkinni kun ijoollee isaaniitii fiijoollee ijoollee isaaniitiifille akka te'u godhi.15Ani balchumma'aan fuula keeti hin ilaala;ani yennaa dammaqu,bifa keeti dhaggee hin quufa.