Faarfannaa150gaz_bib

1Haalleluuyaa.Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa;samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.2Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.3Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;4dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.5Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
6Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.Haalleluuyaa.