Kitaaba Faaru'uu150gax_twf

Mootii Waan Maraa Leellisa'a

1Mootii Waan Maraa leellisa'a!Addee Woyyittii isaa keessatti,Waaqa leellisa'a!Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,isa leellisa'a!2Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a.Guddinna isaa,ka waan mara caaluuf isa leellisa'a.
3Tultulla'aan isa leellisa'a.Kiraara guddichaa fimaseenqo'oon isa leellisa'a.4Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a.Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a.5Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,isa leellisa'a.Sibiila wolitti dhowamee,akka malee qilillisuun isa leellisa'a.6Wonni hafuura baafatu martinuuMootii Waan Maraa leellisanuu ti!Mootii Waan Maraa leellisa'a!