Faarfannaa15gaz_bib

Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
2Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee finama waan qajeelaa hojjetu,nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi3kan arraba isaatiin nama hin hamanne,nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee finama ollaa isaa maqaa hin balleessine,4kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju,yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,5nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fikan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.Namni wantoota kanneen hojjetu,gonkumaa hin raafamu.