Faarfannaa149gaz_bib

1Haalleluuyaa.Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.4Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
6Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu;goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;7kunis sabootatti haaloo baʼuu finamoota adabuudhaaf;8mootota isaanii foncaan,hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.Haalleluuyaa.