Kitaaba Faaru'uu148gax_twf

Dadi Marti Waaqa Leellisanuu Ti

1Mootii Waan Maraa leellisa'a!Ol-gubbaa keessaaMootii Waan Maraa leellisa'a;gubbaa olii keessatti isa leellisa'a.2Ergantooti isaa marti,loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a.
3Ji'aa fi aduun isa leellisa'a;isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a.4Isin ol-gubbaan ol gubbootaa,isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a.
5Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef,maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.6Inni haga bara baraaaddee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe;seera hin jijjiiranne isaanii kenne.
7Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa,qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu,lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a!8Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa,qorrii fi hurriin,hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu,9Gaarotii fi kooboti martinuu,mukooti midhaan buusuu fibirbirsooti martinuu,10bineensaa fi horiin martinuu,bineensoti lafa irra lootanuu fikoolaan kaatanu martinuu,Mootii Waan Maraa leellisa'a.
11Moototi lafaatii figosi biyya adda addaa martinuu,qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu,12dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa,jaarsole'ee fi ijoolleen,Mootii Waan Maraa leellisa'a!
13Maqaan isaa callaanka saadame waan te'eef,ulfinni isaa lafaa fiol-gubbaa irra waan jiruuf,isaan maqaa Mootii Waan Maraaleellisanuu ti.14Kolbaan isaa Israa'elooti,worri isatti dhikaatanu,addatantooti isaa akka isa leellisanu,jabeenna isaaniif kenne.Mootii Waan Maraa leellisa'a.