Kitaaba Faaru'uu147gax_twf

Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu

1Mootii Waan Maraa leellisa'a;Waaqa keenna fuuru'uun leellisiisattam attam dansa'a!Isa leellisiis nama gammachiisa;dansaalle'e.2Mootiin Waan MaraaYerusaalem deebisee hin ijaara;namoota Israa'eliika bittinnowanelle deebisee hin fida.3Inni worra gaddaangadhaan isaanii madaye hin fayyisa;madaa isaaniille hin hidha.4Inni laakkossa urjootaa haga beeka;mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.5Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a;akka malee hunna qaba;beekkumsi isaallehagana hin jedhamu.6Mootiin Waan Maraaworra gad ifi qabu ol hin qaba;worra hamaaleyyii ammoolafatti jissa;7Faaruu galataaMootii Waan Maraatiif faarsa'a;kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.8Inni ol-gubbaa duumensaan golla;lafaaf rooba kenna;koobota irratti marri akka latu godha.9Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna;ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyituinni isaan hin soora.10Inni jabeenna fardaatiin,yookiin jabaanna rukkee miila namaatiinhin gammadu.11Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu,jaalala isaa ka bara baraatittiaddii godhatuun gammada.
12Ee Yerusaalem,Mootii Waan Maraa leellifadhu;Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.13Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa;kolbaa si keessatti hin eebbisa.14Meessaa keeti nageya hin godha;qamadii dansa'aan si hin quussa.
15Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga;jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.16Inni dhakaa roobaaakka fuutta'aa diriirsa;qorra akka daadha'aa facaasa.17Inni dhakaa roobaaakka katta'aa godhee gad buusa;qorra isaaeentu dura dhaabbatuu dande'a?18Inni jecha ifii hin erga;dhakaan roobaa sun hin baqa;qilleensi akka dhufu hin godha;dhakaan roobaa sunillebisaan te'ee yaa'a.
19Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiitittiseera ifiitii fi qajeelcha ifiiIsraa'elitti hin hima.20Inni gosa biyya dhibi'iitiifakkas hin goone;isaan seera isaa hin beekanu.Mootii Waan Maraa leellisa'a.