Faarfannaa146gaz_bib
1Haalleluuyaa.Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.2Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.3Abdii keessan bulchitoota irra,namoota duʼa hin oollewarra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.4Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;guyyuma sanas karoorri isaanii bada.5Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaasWaaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.6Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa,galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.7Inni warra cunqurfamaniif ni mura;warra beelaʼaniif nyaata kenna.Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;8Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.9Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha;ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fidubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.10Waaqayyo bara baraan ni moʼa;Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.Haalleluuyaa.