Kitaaba Faaru'uu146gax_twf

Waaqa Fayyisaa Leellisuu

1Mootii Waan Maraa leellisa'a!Ee lubbuu tiyyaMootii Waan Maraa leellisi!2Ani bara le'ii tiyyaa maraMootii Waan Maraa leellisa;haga jiru mara Waaqa kiyyaaffaaruu leellisaa hin faarfadha.
3Worra isin baasuu hin dandeenne,qondaaltota ilmaan namaaitti hin addatina'a!4Isaan yennaa du'anu,gara biyye'ee deebi'an;guyyuma san karoorri isaanii hin bada.
5Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e,ka Mootii Waan MaraaWaaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.6Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa,abbaaya'aa fiwaan isaan keessa jiru mara dade;inni haga bara baraaaddatamummaa ifii hin eegata.7Inni worra cunqurfameefhaqaan mura;worra beeloteef sagalee kenna.Mootiin Waan Maraaworra hidhame bilisa baasee,8worra ballaa ila bana.Worra gad jedhe ol qaba;worra balchaa jaalata.9Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fihaadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.
10Ee Xiyoon,Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,dhalootaa haga dhalootaatitti,haga bara baraa hin bulcha.Mootii Waan Maraa leellisa'a.