Faarfannaa145gaz_bib

Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.2Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
3Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.4Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.5Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessasurraa kee sanaa ni dubbatu;anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼeeitti nan yaada.6Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;anis guddina kee nan labsa.7Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
8Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.9Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.10Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;qulqulloonni kees si leellisu.11Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;waaʼee humna keetiis ni dubbatu;12kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.13Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.14Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;warra gad qabaman hundas ni kaasa.15Iji nama hundaa si eeggata;atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.16Ati harka kee balʼifteefedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
17Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.18Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.19Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.20Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
21Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sanabara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.