Kitaaba Faaru'uu144gax_twf

Daadimata Injifacha'aaf Dhikaatte

Faaruu Daawitii

1Rassaan kiyya,ka harka kiyya lolaaf,quba kiyya woraanaaf leenjisu,Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.2Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu,kushee tiyya jadduu,dalleya dhaka'aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya,wontee tiyya ta ani itti baqadhu,ka kolbaa tiyya hedduuna jalatti akka ajajantu godhu.3Ee Mootii Waan Maraa,akka ati isa kunuunsituuf,nami maan inni?Yookiin akka ati isaaf yaadattuuf,ilmi namaa maan inni?4Nami akka baafata hafuuraa tokkochaa ti;barri jiruu isaaniilleakka gaaddisa dabaruu ti.5Ee Mootii Waan Maraa,ol-gubbaa dayyaasii gad bu'i;akka aarri keessaa bayu,gaarota tuqi.6Balaqqeettii balaqqisiitiidiinota bittinneessi;daaya keeti darbadhuutii isaan ari'i.7Gubbaa irraa harka keeti gad diriirsi;bisaan guddaa keessaa,harka ormaatii na baasiitii na hamburi.8Afaan isaanii soba dubbata;harka middicha ol kaasaneedharaan kakatan.
9Ee Waaqa,ani faaruu haareya si'iif hin faarsa;kiraara guddicha ribuu kudhan qabudhowataa si faarfadha.10Ati moototaaf injifachaa kennita;tajaajilaa keeti Daawitilleshallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta.11Na hamburi;harka worra ormaa keessaa na baasi;afaan isaanii soba dubbata;harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan.12Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiinakka biqiltuu guddinna toltee,ijoolleen durraa teennaakka utubaa mana mootumma'aa seesiisaafbocamee te'anuu ti.13Gootaraan keennamidhaan adda addaatiin guutamuu ti;hooloti teenna kumootaan,kumoota kudhaniindiida keenna keessatti hortuu ti.14Horiin keenna dodorrobuu ti;gadha'aa gatiisi, sadheessiisi hin jiraatin.Booji'amiis hin jiraatin;karaa keenna irrattiiyyi gaddaa hin jiraatin.
15Kolbaan eebbi akkasii te'eef gammadduu ti;kolbaan Mootiin Waan MaraaWaaqa isi'ii te'eef gammadduu ti.